Thursday, October 2, 2008

Walgayii Oromoota harka kenachiisuuf sosobbaa

Waamicha Walgahii miseensotaa Fi Ummata Oormoof,

Jijjiiramnni dhaaba keenya ABO keessatti ta’e Oromootaa fi miseensota ABO kutaa Kanadaa biarratti simannaa guddaa fi fudhatama gahaa argachuun isaa hujiidhaan mirkanaa’e.

Haaluma kanaan fedhii fi gaafii Ummataa fi miseensota keenyaa irratti hundaa’uudhaan ibsa haala Jijjiirama ABO haaromsuu fi humneesudhaan humnna qawween kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Uummata Oromoo mirkaneesudhaaf dhaaba keessatti ta’e ilaalchisee kutaa Kanadaa keessatti eegalame itti fuufuudhaan sagantaaleen Jila adda addaa ( Hooganota ol’aanoo irraa haga qondaalota dhaabaa ) uf keessaa qabu baha ji’a Ramadaanaa irraa kaasee wal duraa duubaan konyaalee ( magaalaalee) jaarmayaan keenya keessa jiru hundatti geeggesuuf qophiin isaa xumurameeti jira.

Haaluma Kanaan,
· Onkoloolesa 12/08 magaalaa gudittii kanaadaa Toronto keessatti walgahii jila hoogana ol’aanaa ABO ( miseensota koree Yeroo) J/Leencoo Baatii Mataa Birkii Diplomasii fi Dubbaataa ABO fi J/Ibraahim Mummee Mataa Birkii Beeksisaa fi Aadaa ( Ubaamaa Oromoo) tiin durfamu milkeesuf qophiin isaa xumuramee jira. Walgahii kana gubbaatti Dura Deemaa koree kutaa Kanaadaa J/Magarssaa Boonaa, Itti aanaa Birkii Beeksisaa fi aadaa J/Amin Jundii, Hayyuu Oromoo fi qondaala kutaa keenyaa J/Dr. Ahmad Gelchuu qooda fudhatu.Walgahiin kana gubbaatti hawaasaa fi miseensonni ABO magaalaa Otawa heduminaan hirmaachuuf deemu. Galgaluma kana hawaasnni fi miseensonni ABO magaalaa Toronto fi naannoo isii, akkasumas miseensotaa fi hawaasnni magaala Otawa halkan guutuu aadaa fi sirnna haaraawaan waliti dhufanii maree bal'aa geegesuuf saganteefamee jira. Bakki sagantaa kanaa walgahii gubbatti Uummataaf ibsama.

· Onkoloolesa 11/08 walgahiin walfakkaataan biyya kanadaa, Kutaa Albertaa, Magaalaa Brooks keessatti bakka qondaalonni ABO J/Aanaa Oromoo, J/Zakir Abbamacaa fi J/Baatii Biyyaa argamanitti geegfamuuf deema.
· Torbee itti aanu Onkoloolessa 18/08 walgahiin Jijjiirama hundee kan dhaaba keenya ABO keessatti ta’e ilaalchisee mareen bal’aan Ummata Oromoo magaalaalee Vancouver ( B/C) fi Winnipeg ( Manitobaa) keessatti ta’a.

Walgahii konyaa B/C Vancouver keessatti godhamu kan geeggessan Dura Deemaa koree kutaa Kanaadaa J/Magarsaa Boonaa, Itti aanaa Birkii Beeksisaa fi aadaa J/Amin Jundii, haayyuu Oromoo fi qondaala dhaabaa J/Dr. Ahmad Galchuu dha.

Walgahii Winnipeg/ Manitobaa irratti argamuudhaan haala jijjiirama dhaaba ABO keessatti ta’ee hawaasa Oromoo naannoo sanaaf ibsa kan kannan qondaalota dhaabaa J/Abdii Rushii fi J/Baatii Biyyaa ti.

Ummanni Oromoo naannolee kana hunda keessa qubattan ABOn dhaaba murnna kamiituu osoo hin ta’in dhaaba Ummata Oormoo akka ta’e mirkaneesuudhaaf walgahiilee naannoo keessanitti qophaa’an kanatti hirmaadhaa, qaama dhimmi ilaalu irraa dhugaa fi dhara gargar baafadhaa. Qabsoo bilisummaa Oromoo ol’aantummaa murnnaa jalaa baasuf qooda keessan gumaachaa. Abbaan qabsoo kanaa isin Ummata oromoo malee eenyu iyyuu ta’uu hin danda’u. Ammaan booda haala qabsoo bilisummaa Oromoo ilaalchisee filmaanni jiru lama qofa ta’a. “ kan ololu gara ololaa kan lolu gara lolaa “

Gadaan Gadaa Jijjiiramaa fi injifannooti !!!
Injifannoo Uummata Oromoof !!!

Tooftaa Dulloomaan

Harqoota Gabrummaa fi Toftaa DulloomaaOromoon xumura jaarraa 19ffaa eegalee harqoota gabrummaa Itiyopiyaa (colonial system of Ethiopia) jalati kufuun qeyee isaaf biyya isaa irrati ummata jireenya gadantummaa fi qaanii gabrummaa jaarraa 21ffaa jirachaa jiru dha. Otoo warri Itiyopiyaa biyya Oromiyaa gabrummaan hin qabatiin dura, Oromoon sirna abbaa gadaan sirna dimokiratawaa (gadaa democrat system) ummata jirachaa ture.Ormoon biyya issanii biyya abba gadaa gabrummaa (colony) abashaa jalaa olchachuuf wareegama qaalii baasaniiru, lakkofsi Oromoos walkaan issaa dhumeera, miliyoona 10 irraa gara miliyoona 5ti hir’achuu seenaan ragaa baha. Oromoon Wareegama olanaa kana yaa baasan malee biyya issanii olchachuuf hin dandeenye. Gargaarsi biyya dhiyaa(western country) Abashaafi taasisan meshaa baraan akka Oromooni lolamaniif akka injifatamaan qooda guddaa kenneera.Gabrummaas booda Oromoon harka maratee gabrofataaf hin bitamne, bakka irra bakkti fincili adda addaa tahaa turuu issaa seenaan Oromoo ni mirkannessa. Fincilooni taasisaman guutummaa Oromiyaati walqabataa fi waldhagahaa waan hin turreef dhagetii adunyaas horachuu hin dandeenye.ABO finciloota dida gabrummaa Oromoon taasise keessa dhaaba dhalateef biyya Oromoo Oromiyaa bilisomsuun daangaa fi qabeenya Oromiyaati egitii gochuuf baroota kurnaan sadii ol qabsoo bilisummaa off irrati hirkannoo taasisaa kan tureef ammas taasisaa kan jiru dha.ABO humna murtaahaan, wareegama qaqqalii kafaluun qabsoo bilisummaa Oromoo bara mootummaa cehumsaa 1991 Oromoo mara biraan gahe. Oromoon kaayyoo ABO qabsoo irrati taasisu hubannaan dhaggeeffate, xumura irrati issaan kana ijjolleen keenya jedhe ABO ni simate. Alaaba ABO isii goonni Oromoo qaqqaliin dachee Oromiyaa irrati gad issee dhaabuuf wareegame wayita argeti kana albaan Oromoo jechuun ni fudhate, irratis wareegama kaffale, kaffalaas jira.
Seenaa Oromoo keessaatis bara Motummaa cehumsaa Oromoon waraaqsa(revolution) guddaa taasise. Oromoon guutummaa Oromiyaa keessaa walarguun walitiis dhaamachuu dandahe, gallani ABOf yaa tahu. Handhuura biyya issaa finfinnee keessati waliti dhufuun seenaa fi aadaa isaa firratis diinatis argisisuun Oromoo fi Oromiyaa gammachisee halagaas afaan qabsiise. Warri Oromoo biyya abba issaa irrati karaa darbaa dhorkuun qaaniin jirachisuun gammachuu argatanis yelloon lafa illaalan.Oromoon, wayyannee fi OPDO gutummaa Oromiyaa keessati fudhatama dhorkuun, walgahii taasifamu hundaa keessati OPDOn ergamtoota wayyanee tahuu issaniif akka Oromoo bakka bu’uu hin dandeenye kallatiin itti hime.Waayyaneen, OPDOn meeshaa akka taatuuf bixxilatte, kaayyoo ABO dura dhabachuu dadhabuu isee hubbachuun, dabballoota ABO karaa nagaan sagantaa ABO saba Oromoo barsisan, Oromoon jaalalaa fi kabajaan kan simatu,bakka irraa bakkati lola irratti banuun farra nagaa taate.Wayyaneen akka siyaasni isee kisaraa keessa gales bareechiite hubate, ABO waliinis bakka gahan hundaati siyaasaan dorgumuu hin dandeenye. Oromoon dabbaloota ABO gidduu issaa buufatee deema, OPDO fi wayyaneen muka gogaa fi balbala nama irra akka midhaan caamsaan dhahee siyaasaan cooliguun taa’uu irra waan darbe milkaahuu hin dandeenye. Walumaa galati OPDOn ergaa Waayyanee baatanii deeman harkati bishofnaan, naasuu (nerves) tahuu irra darbitee Oromoo afaan faajjesuu hin dandeenye.Wayyaneenis OPDO off dura qabdee siyaasa akkakilee isee issa dullomaa gaggesuun Oromoo harqoota gabrummaa jala tursisuun akka hin dandahamne barechiite hubatte. Kanaafu, Oromoo qofaaf otto hin taane gaanfa Afrikaafu farra nagaa taataee akka saree maraattee biyyoota gaanfa Afrikaa hundaa cicininuun dhiiga dibachaa jirti.Oromoon bara 1991-1992 (bara mootummaa ceehumsaa) akkuma ABO waliin dhaabachuun biyya abbaa issaa Oromiyaa falamacuuf waada gale, WBO waliin goolee Oromiyaa hundaa keessati wareegama kaffallee, kaffalaas jira. Alaaba issaa bareduus dabarsee harka diinaati hin laanne, qabatee falmachaa jira. Ajjechaa, hiidhaa fi reebichi ABO fi Oromoo adda baasuu hin dandeenye, kanaaf ragaan wayyanee mataa iseeti.
Wayyaneen karaa ergamtuu isee OPDO, ABO fi hoggannoota QBO maqaa dhahuun waan iseen hin jenneefi hin kijjibnes hin turre, waan dandahan hundaa yaalaniiru itti milkaahuu hin dandeenye, ammas hin milkaahan.Oromoon diina nyaate nurra galuu dide, bifaan(race) kan walfakkannu, gochaan kan Aprtheid south Africa irra adda bahee ilaalamu hin dandeenye gurraacha gabroofataan gidiraa gabrummaan waxalamaa jira. Mootummaan abashaa Oromoo akka garbaati qeyee issaa irrati mirga uumamaan waaqayyo kenneefi irraa mulquun bitee jiraachuun akka waaqayyo keneefiti fudhata; dhugaan jiru garuu waaqayo nama hundaa walqixa uumee; Oromiyaan kan Oromooti; biyyi abashaa kan warra Topiyaati. Kan issanii issaaniifi taya kan keenya nuuf taya.Qubee keenyas issaan kan shexxanaa yoo jedhanis nuuf tayeera, abbaaf taanaan Ormi itti rakkachuu hin qabu.Feedhii issaanii boodeeti hafaa fi abaaramaa kana irraa kan ka’e qabsoo sabaa akka qoreeti ilaalu, waldorgomii siyasaa fi rakkoo karaa nagaa hiikuu aadaa issaa hin qaban ni sodaatu. Bara dargii, dargiin maqaa ABO jedhu kana maqaa dhahuu ni sodaata, Kolonneeris akkuma sodateeti akkuma lagateeti ittinu biyyaa bahe.Warri wayyanees ABO yoo maqaa dhahuu illee akka dargii hin laganne, bade, hin jiru jechuu yaalaniiru. Jirachuu ABO haaluun salpina itti taanaan, kana ABOti dhoose, diige, uummata nagaa ajjeese jedhanii sobaan yakkus yaalan. Kun hunduu waan hojjechuu dideef, QBO yoo dandahan diiguuf yoo dadhaban qancarsuuf toftaaa adda addati dhimma bahuun akka nurrati hojjetaa jiran Oromoon hubannee, qabsoo saba keenyaa irrati diigga diinni hojjetaa jirtu harkati dhahuun dirqama Oromumaati.Akkuma seenaan Oromoo hubachisuuti Minilik Oromiyaa cabsee qabachuuf kan issa milkeese, kan akkakileen isaa itti hin milkoofne, Oromoo keessaa gantuu argachuu issati. Hiddi dhaloota abashaa humnaan Oromiyaa har’a qabatee jiru kunis tooftaa dulloomaa wal-fakkatun Oromoo irrati hojjetaa jira.Murni yeroo amma mooraa qabsoo keessaa bahe wayyanee dhiisee ABO fi hogganoota irrati xiyyeffachuun olola diinaa offaa jiru kun farra qabsoo bilisummaa Oromoo tahuu issaa raggasiise.
Gootowan Oromoo, heeraa fi seera ABO jalati ijjaramanii, ittinis bulanii, bilisummaa saba issaaniif wareegama qabsoon gaafatu kaffalaa qabsoo Oromoo itti fufan. sirna dhabileen yeroo ammaa hawwaasa Oromoo keessati afaan faajjii uumuuf xaawwaraa jirtu kun qabsooti waadaa galtee otto lama hin buliin tuf jette bahuun waanuma wayyaneen jechaa jirtu issanis maqaa Oromummaan nuti himaa qabsoo sabaa Oromoo ABOn dursamu yoo dandahan diiguuf yoo dadhaban qancarsuuf toftaa diinaa dullooma baatanii wixxifataa jiru.Shaneen kana balleese, ebeluun kana taasise, bilisummaan fagaate, . . . jijjirama!!! Jijjirama!!! Jijjirama!!! . . . . jechuun akkuma Barack Obama lapee Amerikaa maqaa jijjiramaan hate, kunis OPDO mataa irra keewattee lappee Oromoo hatuu kajeelti.Garuu dhugaan jiru Barack Obama Poolisii Amerikaa keessati waan jijjiramuu qaba jedhe amanu lafa kahuun ummata Amerikaa, na filaa kana jijjira jedhe malee heeraa fi seera party issaa ykn biyya issaa cabsuun jijjirama hin jenne.Namni Heeraa fi seera dhaaba isaa ykn biyya isaa cabsee bahu tokko ofiifu sirna hin qabu seera cabsee deema jira, Oromoo qabsoo bilisummaa irra jiru miti biyya bilisummaa qabduufu jijjirama akkamiti fiduu dandahaa? deebii issaa warra dubbiftaniif dhiisa.Murni kun jecha jijjiramaa jedhu qofa nu himuun sadoo mataa iseef micirama hudhaa gaburummaa waayyannee nutti jabesuuf mataa raasaa jirti malee; bilisummaa miti otto dhimmi Oromummaa lappee keessa jiraate waan qabsoo saba isee, tokkummaa saba issee xuqxu tokko irraa off qusachuun taatiif turte.Sirna dhabileen (jalloon) Oromoo tokkummaa fi humna dhorkuuf waan hin mocoreefi hin sarares hin qabdu. otoo itti milkofteeti tahe qabsoo Oromoo hoggana malee hambistee wayyaneeti kaayyoo gottawwaan irrati waregaman dabarsitee kenuun Oromoo qaaniif taasiftee ture.Toftaa dulloomaa mootummaan Mallasaa sab-bicuu Tigiray keesaa dhalate, yeroo irraa yerooti qabsoo Oromoo irrati bobbasuun, umurii bittaa isee dheerefachuuf carraqaa jirtu Oromoon! dammaqinaan hubatee amantiin, gandaan oto wal hin qoodiin, garaagarummaa xixiqqaa jireenya ilmaan namaa keessati calaqisaniif illaalcha hin kenniin, tokkummaan dhaabbannee qabsoo saba Oromoo ABOn dursamuf deegarsa qabsoon gaafatu yaa taasifnu.
Injifatnoon Ummata Oromoof !

Nama Foon hin beeknee Foloda (xancha) muruuf

Nama foon hin bekneef xancha (foloda) muruuf
Abbaa xiiqii Gulummaa

Waggootii dheeraa dura sabaaf haa toluu fi sabatti haa hammaatuu seenaa isa badaan seenaa badaa jennee yaadanna. Isa gaariin immoo seenaa gaarii jennaan.
Bara Habashaan biyya Oromoo qabachuuf yaaltu Gurmuun Oromoo bulchiisa sirna gadaan ijiramee jibaa waan tureef diina itti dhufe adabee of irraa itisee jiraate

Bara Oromoon dhimma isanii dhiisanii waan halagaa irraa argatan dhara’uu eegalan ,gantonni sabaa Oromoo addaan baasanii Oromoo gartuu diinaa fi gartuu biyyaa falmatu ta’ee walitti galagalee wal-cabsee kufaatii yeroo ammaan irraa dandamachuu dadhabameen ga’ee jira. Amma illee kaayyoon alagaa nu biraa hafuu dadhabee Oromoo wal-naychisaa jira garuu kaayyoon alagaa amma yoonatti Oromoo irratti hojata? Kaayyoon diinaa dhaloota haaraan (qubee generation) irraa anamuun kaayyoon diinaa saba Oromoo keessaa haqamee qulqula’uu qaba.
Huumaan namaa hundaa wal-qixa. garuu carraan,dandeetiin,dalagaa jabinaan qabu fi beekusa horteen wal-caalchisa kun kan eenyuu towachuun hin dandeenye yeroo ta’u kaan kan hin qabane xaari (tattaafannaa) tokko malee,beekumsa isaaf hin malee argachuuf kan raawatu dandiin ittiin hojii irraa oolchatu shiraa fi cubbuun karoorsee hojata.

Shirraa fi cubbuun jaalala irraa jibbaa itti mulisa
Gammachuu dhala namaa irraa gadda dhala namaa karoorsa
Jireenya irraa dhabamsiisuu karoorfta
Kabajaa irraa salphisuuf jarjara
Jaalallii fi firri isaa dantaa isaa waliin kan deemu yeroo ta’u guyyaa dantaa nama irraa argu irraa dhume ni gana ,ni arbsa,ni balafam,ni tuffatama
Dantaan jecha ganuun isaaf dandeetii fi muuxannoo jabina isaa ti.

Seenaa multaa keessaa Goobana Daaccee Oromoo irratti Abashoota waliin duulee Oromoon harka alagatti yeroo galchu alagonni summiin dhabamsiisan. Kayyoon Goobanaa Oromoo cabsee minlik waliin Oromotti gooftaa ta’uu haa hawwu malee itti hin molkoofne Tulamaa keessaa Abbichuun guddifame kan jedhamu abbaan Goobanaa mana Abbichuu waan qabuuf Abichuun Oromoo keesatti baalafmaa ta’ee Goobanaa Abichuun Saba isaa Oromoo waliin gochaa kaayyoo diinaa waan hin falimineef waggaa dhibbaa tokkoo booda Oromoo dhifama gaafatanii Oromoo irraa dhiifama argatan.

Seenaan of haarmsa akkuma jedhan yeroo ammaa halli mooraa qabsoo Oromoo keesatti ta’ee fi tokkummaa sabaa gagamaa jiru qabsoo Oromoo alagaaf dabarsuun kaayyoo hundee yeroo ta’e .tooftaan kaayyoo diinaa tarkfachiisu hundee gosummaa irratti kan hunda’e waan ta’eef Oromoota nannoo adda addaa irraa dhimma qabsoo bilisummaa Oromoo qulqulinaan hojatan shira kaayyoo diinaa dhugoomsuuf tokko tokkoon itti duulama jira.

Hoganonni qabsoo bilisummaa ummurii isanii itti fixan akka carraa ta’ee du’a irraa hafan; maaliif jirratanii? Waan qabsoon maaf nu rakisu jechaa jiru. kanaaf dhabamuu akka qaban itti murta’ee jira. Badiina isanii hambaa diinaaf jecha harka kenatanii diina waliin Oromoo salphisuuf waan didaniif. Waan kana godhaniif multa ( Vision) hin qaban jedhaniin.

Bakka sana multa (Vision) isaan Oromoof qaban tapha’a siyaasaa hojachuu dha. Akkuma Ahamad karzaay Ameerikaa keesaa gara biyyaa Afganstanitti ajaja fi eegumsa American hummata Afganstan irratti hojatu toftaa godhatanii ilmaan Afgan lafarraa dhabamsiisaa jiru Oromoof illee yaadamee fiigmaa jira. Karzaay qabeenya drag plantation illee qabachuun waan kaayyoo fallaa biyyaa qabuuf isaaf seera ykn mirga. Oromoo gosaan diina keesaa fi qaba’saa waliin gosummaan seera qabachuun mirga isanii ta’uu nuuf himamaa jira.

Fiigichi kun karaa Obbo Juneeddii Saaddoo iyannaan fi jarsummaan Malasaaf kan dhiyaate ABO boojinee bara ummurrii kee guutuu gooftaa taatee akka nuuf jirattuu wardiyyaa siif taana jechuun karorri jalqabe Oromoo iratti eegale jabinaa fi kutannoo ilmaan Oromoo karoora diinaa fashalsiisuu irratti kutannoo beekumsaa fi humana walitti qideefannee irraa anamuun qabu irra ga’amee jira

Namoota qabsoo bilisummaa Oromoo galii isaa hin beekneef “tapha siyaasaa adunyaa waliinii”jedhamuu fi kan foon hin beekneef foloda muruun tokko. Nama qabsoo fi hojii diinaa hin beekneef sagalee isanii ol kaasinii haa himaniif.

Qabsoon Kaayoo diinaa fashalisisuu fi dhugomuu irratti qabsoon bilisummaa Oromoo fuuduratti akka furgaafatu tattafachuun gaaftam seenaa jelaa ba’uun yeroon isaa amma.

Hojii boru gaaftama seenaa jelaa ba’uu irratti daandii falmaa bifa adda addaa irratti walitti dhufna.

Fulbaana 2008

Injifannoon Ummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaa ti!

change

Dear all,
This is the latest evil that is manufactured in the kitchen of SHANE and released from SHANE GUMMI's Pandora box. SHANE is frightened by the current move of the Oromo mass for change. The only way they can diffuse the move for change is by frustrating Oromo mass, using their old divide and rule strategy. Now the SHANE strategists have come up with a deadly strategy to divide ARSI people from some leaders. IN Kenya Carriers of OKKOTE CUBBU made a conference in Nairobi and promised to divide ARSI people and the leaders of change. Be aware of OLF(SG) dabbales, agents of SHANEE.THE MAIL SENT TO THIS NETWORK FROM A PERSON NAMED BISHU HELLU IS NOT FROM A SINGLE INDIVIDUAL. IT IS FROM SHANE GUMMI'S divide and rule ARCHITECTS. SO say no to this new way of divisive strategy. SHANE can not stop us, shane can never stop this change. Say no to their divisive political strategy.What all of us should understand is that leaders in SHANE GUMI ARE VERY VERY GOOD in designing divide and rule tactics. This recent mail is part of it. IS THERE ANY BLOODY REGIONLIST THAN THE SHANE LEADERS????? WHO PLANTED THE SEED OF HATRED, REGIONALISM AND.......etc AMONG US MORE THAN 3 DECADES AGO? AND THEY WATERED THE TREE OF HATRED AND TOOK US TO OUR CURRENT SITUATION. Now Shane leaders are trying to paint ARSI as regionalist. By the way, if need comes, ARSI is a big country both in population and geographical landscape to declare its own regional government just the same way Wallaga Oromos declared THE GALLA CONFEDERATION , WELL JUST TO REMIND YOU THE HIGHER EVIL. DONT TRY TO PUSH ARSI PEOPLE TO THE EDGE OF TRIBALISM, LIKE YOU PUSHED JARRA ABBA GADA

What? NO