Saturday, October 4, 2008

Walgayii (Dhimma qabsoo Bilisummaa Oromoo irratti)

Waamicha Walgahii Ummataa

Ilmaan Oromoo Minisootaatti argamtan hundaaf:

Addi Bilisummaa Oromoo shira keessaa fi alaan isatti xaxamaa turee fi jiru irra aanee Qabsoo Bilisummaa Oromoo dura bui`insaan gegeessa jira. Bu`aabahii kana keessatti hawaasin Oromoo Minisootaa dhaaba keessan ABO bira dhabachuun qooda guddaa fudhachaa jirtu. Haala yeroo amma moraa qabsoo bilisummaa keessatti uumamee ilaalchisee ibsa hogganootaa fi maree gochuuf Konyaaleen ABO Minisootaa walgahii ummataa qopheesaa jiru.

Guyyaa: Sanbata (Saturday), Onkololeessa (October), 11, 2008
Sa`aa: 2:00 w.b (P.M)
Bakki: South High School
3131 19th Ave South
Minneapolis, MN 55407

Hogganotii sagantaa kana irratti argamanii ibsa isiniif kennan

1. J/ Dawuud Ibsaa, HD ABO (Teleconference)
2. J/Dr. Bayaan Asoobaa, Miseensa GS-ABO
3. J/ Yaa`ii Malkaa, Miseensa gameessa ABO kan Diree Qabsoo irraa dhufu

Guyyaan kun guyyaa itti dhugaa fi oloollii oofamuu addaan ba`uu waan ta`eef ummatnii Oromoo Minisootaatti argamtan hundii guyyaa fi bakka kanatti argamuun haala yeroo dhageefachuun eegaree qabsoo keessan irratti maree akka gotan kabajaan isin afeerra.


Konyaa Minisootaa ABO
Konyaa Oromiyaa Minnesota ABO
Konyaa WBO Minnesota ABO

Gadaan Gadaa Bilisummaa ti.