Monday, June 1, 2009
Balaan Diigumsaa Waldaa Hawaasa Oromoo Minnesota Irratti Gaaddisiifate
Waldaan Hawaasa Oromoo Minnesota (WHOM) waldoota Oromoo biyyoota alaatti ijaaraman keessaa isa hangafticha. WHOM bara 1985tti ijaaramee, bara 1995tti haaromfame. Sochii haaromsaa kanaan booda bu’aan argame heddu. Akkuma of haaromseen Galma Oromoo (Oromo Center, Minneapolis) kan saniin dura ijaarame dhuunfachuun ummataaf tajaajila adda addaa kennuu eegale.
Waldaan kun guddinna agarsiiseen yeroo ammaa namoota haga 6 ta’an mindeessuu danda’uu gubbatti galma mataa isaa, bakka rakkataan haajaa isaa itti ba’atu, St. Paul tti bitachuu danda’ee jira. Kuni seenaa waldoota Oromoo biyyoota alaa keessatti isa duraati jechuu dandeenya (DCnis saniin booda galma ofii bitachuu danda’eera).
Minnesotan naannoo ummanni Oromoo kumaatamaan keessa qubatu. Kana waan ta’eef namoonni tajaajila hawaasummaa barbaadan danuudha. WHOM waltajjii Oromoonni hundi akka hawaasaatti itti gargaaramanidha. Bakka Oromoonni loogii amantii, naannoo fi siyaasaa tokko malee afaanii fi aadaa isaaniitiin tajaajila hawaasummaa gara garaa itti argatanidha. WHOM ijaarsota hujiilee Oromoo geggeessan heddu irraa adda kan isa taasisu seeraan bulmaata aadeffachuu fi sirnaa fi tartiiba ijaarsaa (institutional rules and procedures) ifaa qabaachuu qofa osoo hin taane ittiin buluu danda’uu isaati.
WHOM baroota hedduuf Oromtoota naannoo fi ogummaa akkasumas duubbee adda addaatin durfamaa as gahe. Bara 1995 Dr. Seyfu Shukkaare tin geggeeffamaa ture. Dr. Nugusee Birraatuu baallii Dr. Seyfuu irraa fuudhuun hojjatan. Kanatti aansuun kan hoogganummaa WHOM fudhatte Aaddee Johaaraa Mohamed turte. Aadde Johaaraa irraa kan gaafatama fudhate Obbo Nuuroo Daddafooti. Obboo Bulaa Atoomsaa Nuurotti aansee gadaa lamaaf WHO Dura Taa’ummaan erga geggeesseen booda bara 2006 gadaa isaa fixatee baallii Obboo Amaanoo Duubeetti dabarse.
Akkuma armaa olitti arginutti Oromoonni Giddu-galeessa, Baha, Dhihaa fi Kibba Baha Oromiyaatti dhalatan ummataan filamanii carraa WHOM dursuu argataniiru. Naannoon dhalootaa filamuuf ta’ee waldichaa keessatti hirmaachuuf ulaagaa ta’ee hin beeku. Ulaagaan ol’aanaan sagalee ol’aanaa amantaa ummatichaa irraa maddu qabaachuudha.
Balaan kan jalqabe filmaata 2006 irratti kan jedhan jiru. Filmaata kana irratti Obbo Bulaan marroo lamaaf erga tajaajila kenneen booda Obboo Amaanoon bakka buufamuutti kanneen dallanan turaniiru. Jarri lachuu miseensota ABO gameeyyii ta’uu daran waldaa kana keessatti muxannoo fi gumaacha wol madaalu qabu. Akkasumas amalaa fi dandeettii tajaajila kennuu irratti isaan lachuu hiriyaa hin qaban. Hariiroon jara lamaan gidduu tures kan hafuura jaallummaa qabu qofa osoo hin ta’in obbolummaa fi hiriyyummallee kan dabalatu ture. Fakkeenyaaf filmaata 2004 ta’e irratti sagalee ol’aanaa kan argate Obbo Amaanoo ta’uullee innis Obbo Bulaan dura taa’aa waldichaa ta’ee akka filamu deeggarsa laachuun hariiroo kana agarsiisa.
Haa ta’u malee Obbo Bulaan dura taa’ummaa irraa bu’ee Amaanoon bakka buufamuun Shanee biratti ija gaariin akka hin fudhatamin kanneen dhoksa maletti dubbatan jiru.
WHOM tajaajilaafis ta’ee hirmaannaaf akkasumas filmaataaf Oromoota hundaaf banaa ta’ullee kanneen baroota kurnan as aanan kana keessatti hedduminaan hirmaannaa gochaa jiran Oromoo dhalootaan naannoo Kibba Baha Oromiyaa akka ta’an ifaadha. Kanatti aansuun Oromoonni hirmaannaa ol’aanaa qaban Oromoota Dhiya Oromiyaatti dhalatani. Oromoonni naannoo biraa ni takkatu malee sadarkaa hundattuu, miseensummaa irraa kaasee haga hoogganaatti, kan hirmaachaa fi gumaachaa turanii fi jiranis jiru.
Jeequmsi keessa ABO dhuma bara 2006 irraa kaasee haga ar’aatti fulla’ee hariiroo jaallummaa fi obbolummaa akkasumas hiriyummaa kan sunsumaa fi utubaa WHOM ta’uun madda jabinaa ture booressuun ABO keessatti hin dhaabbanne. Balaan isaa WHOM illee dhaqqabee jira. WHOM balaa kana irraa baraaruun gamnummaa gaafata.
Haa ta’u malee WHOM yeroo ammaa balaa jeequmsa siyaasaa bilisummaa Oromoo irraa kan ka’e jireenni isaa gaaffii jala seenaa jira. Sirna jaarmayaa kamittuu mareen qaama bulchiinsaa keessatti godhamuu fi murteen qaama saniin dabru ummata bal’aa keessatti hin faca'u. Sirni Boordiin WHOM bara dheeraaf ittiin hojjataa tures kanuma. Sirna naamusaa, kan sagalee wayyabatti amanuu, murtiin Boordii keessatti ta'e fi mareen kan walttajjii sanaan ala bayee hin odeeffamne ture. Bara kana garuu sirnaa fi safuun kun diiggamee waan boordiin galgala mari'ate ganama hawaasa keessaa haasa’ama. Bu'uura Boordiin irratti mari'atu ganda keessatti irratti mair'atama. Miseensonni boordii tokko tokko safuu fi sirna bulchiinsaa kan bara dheeraa ofii ittiin hojjataa turan diiganii hawaasa walitti buusuuf carraaqqii hangana hin jedhamne godhaa jiru. Manguddoota, darggaggoota fi haawwan akkasumas miseensota gameeyyii hawaasaa tokko tokko yaada isaanii akka deeggaran ganda keessatti addatti qopheessuun waldaalee akka dargaggoo manguddoo fi dubartii keessaan yaada ofii fedhan san dhiibuu fi Oromoon naannoon akka wal shakku, wol sodaatu fi akka walitti bu'u godhuuf duuba deebi'aa hin jiran. Hujii diiggaa hundeen isaa fagoodhaa kana kan irratti hubatan Oromoonni naannoo hundumaa harkatti didaa jiraachuun ifaa dha. Haata'uu malee namoonni dogoggora kana osoo sirritti hin hubatin ololaa fi sobaan haguugamanii sirna bulchiinsa WHOM jeequu barbaadan karaa faallaa fi itti hin milkoofne ta'uu hubatanii akka irraa of eeganii fi mirga isaanii akka Oromoo tokkootti dhimma itti ba’uun waldaa eegalli isaa idaa (negative) doolaara -$6000 irraa ka'ee sadarkaa amma jiru kan qabeenni miliyoona tokko jalatti dhiyaatu kana caalatti cimsuutti fuulleffachuu gamnummaa hojjachuu qaban jenna.
Kuni ta’uun hafee boordiin WHOM yeroo ammaa filmaata 2009 irratti wol qabee jira. Murni hanga tokkoo sagalee ummataa waan sodaataniif filmaanni itti aanu Kutaan akka ta’u dhiibaa jiru. Kutaalee Oromiyaa hundaaf qoodaan (quotan) akka laatamu gaafachaa jiru. Kunis kan ta’eef wolgahii hawaasaa kan hooggana WHOM filu irratti lakkoofsi murna kanaa waan xiqqaatuuf herrega kamiinuu moo’achuu waan hin dandeenyeef akka ta’e eenyu irrallee dhokataa miti. Sodaa isaanii kana garuu soda oromoota hundaa godhanii, akka oromoota kutaa hundaatiif yaadanitti dhiyeessuuf carraaqan. Rakkoo kana furuuf dargaggoo fi manguddoonni Oromoo tattaaffii guddaa gochaa jiran. Haa ta’u malee haala wolshakkii waldhabbii siyaasaa irraa kan ka’e haga ammaatti furmaatni argame hin jiru. Furmaanni ta’uu qabu yoo jiraate sirna dimokiraasii kan eenyuu akka Oromoo tokkootti hanga ammaatti walqixa afeeramee waltajjiin banameefii filuu fi filamuus sagalee isaatiin qooda irraa fudhachaa ture qofa.
Hirmaattonni wolgahii hawaasaa kan Bitoottessa 7, 2009 ta’e irratti argaman yoo guddate 500-700 hin caalan. Kana keessaa yoo xinnaate 50% namoota dhalootaan Kibba Baha Oromiyaa akka ta’an ragaan jiru ifatti agarsiisa. Kuni woggoota dabran kurnan caaluuf waan turee malee kan haaratti mudatee miti. Haalli faallaa kanas naannoo adda addaatti argama. Fkf. Naannoo Washington DC tii Oromoota naannoo dhiyaattu hedduminaan argama; Atlantaatti Oromoota naannoo Bahaattu heddu. Kun ammoo fafaa miti. Hirmaannaan namootaa kutaan yoo walhinmadalle cubbuu miti; fedhii namootaa irratti rarra’a waan ta’eef.
Gaaffiin filmaata WHOM qooda kutaan gochuu hegeree waldichaaf qofa osoo hin taane hegeree sabichaafuu balaa guddaa kan baadhatee dha. Balaa dorrobaa as deemu kana hanqisuun gamnummaa (wisdom) guddaa kan gaafatuudha. Oromoonni Minnesota gaaffii ulfaataa isaan dura jiru kana obsaa fi gamnummaan furuu qaban. Oromoonni naannoo biraa qubatanis haala kana karaa ijaarsaatti fi guddinaatti dhiibuuf gahee taphatan qabu. Rakkooleen akkanaaa naannoo hundumatti bifa walfakkaataan waan faca’aa jiruuf.
Diinni keenya Oromoon akka tokkoomee humna murteessaa mirga isaa gaafatee argachuu danda’u hin taaneef kutaa fi amantiin qoqqodaa keessaan dadhabsiisaa har’a ga’e. Fedhii fi sodaa siyaasaaf jecha tooftaa diinni ummata keenya ittiin kolaase kanatti dhimma baana jechuun tarkaanfii gaafatamummaa fi safuun Oromummaa keessa hin jirreedha.
Murni gariin kufaatii siyaasaa kan irra gaye keessaa bayuu waan dadhabeef afaaniin akka tokkummaaf wabii dhaabbatetti haga gurri duudutti lallabaa, gochaan ammoo tooftaa diigumsaa kanatti dhimma ba’uun nama ajaa’iba.
Qoodni kutaan haa ta’u yoo jedhame daangaa kutaa isa kamitti gargaaramna? Isa Menelik? Isa Haila Sillaasee? Isa Dargii? Isa Wayyaanee? Daangaan kutaa kan sirnoota afran kana keessatti turan tasa wol hin fudhatan. Sirnuma tokko keessattuu daangaa kutaa maraa heddu jijjiiramee beeka. Fakkeenyaaf haga 1955tti Harargee fi Baale kutaa tokko turan. Ras Masfin Silashii mooticha yeroosiif amanamaa waan ta’eef Kutaa Arsii irraa konyaa sadi muratee kutaa Shawaatti dabale. Akkasumas naannoo Leeqaa Naqamtee kutaa Wallaggaa keessa hin turre. Naannoo Iluu Abbaa Booraa irraa achi hambisuun Naqamteen Wallaggatti dabalamuu qofa osoo hin taane handhuura kutaa Wallaggaa taate. Naannoo adda addaattis wanni ta’e kanuma fakkaata.
Moototni alagaa Oromiyaa akka bulchiinsaa fi hacuuccaaf tolutti qircaa godhachaa ba’an; ammas itti jiru. Sadakrkaa sabni Oromoo yeroo ammaa irra jiru keessatti filmaatni hawaasaa qooda kutaan ta’u malee jedhamee yoo dadhabame waldicha diigna jechuudha?
Filmaatni sirna dimokraasii wojjiin deema. Sirna dimokraasii keessatti wanni guddaan sagaleen nama hundaatuu wolqixatti lakkaa’amuu danda’uudha. Filmaata qooda kutaatin haa goonu yoo jedhame sagaleen namoota namoonni naannoo isaanii hedduminaan Minnesota jiraatan ni sharafama. Fakkeenyaaf Jimma irraa namni hawaasa kana keessatti hirmaataa jiru nama 10 hin ga’u. Wallagga irraa ammoo namoonni hirmaataa jiran dacha heddu ta’u (mee fakkeenyumaaf 200 jennee haa fudhannu). Kutaa lamaaniifuu boordii keessatti mirgi nama 2 bakka buufachuu haa kennamuuf yoo jedhame, gatiin saglee Oromtichaa ykn Oromtittii fedhii Waaqayyoo ta’ee Wallaggatti dhalate/dhalatte tokkoo dhibba keessaa 5% gadi caba jechuudha. Kuni faallaa sirna dimokraasii ti.
Kana wojjiin Oromoota Oromiyaa keessatti hin dhalatin, biyyoota baqaa adda addaa keessatti dhalatan, Ameerikatti dhalatanii guddatan, kutaa kam keessatti herreegamu? Qondaaltota WHOM kutatu addatti taa’ee filataa? Kuni WHO ni jabeessaa? Boru kutaa tokko keessatti namoonni konyaa ykn aanaa tokkoo yoo heddummaatan akkam ta’a?
Dhugaadha sirni dimokraasii hanqinna ni qaba. Garuu guddinna hawaasummaa fi qarooma beekumsa haga ar’aa irra gahetti sirni sirna dimokraasii irra wayyaa ta’e hin jiru. Namoonni naannoo Oromiyaa adda addaa irraa dhufan caarraa filuu fi filamuu walqixa qabaachuun barbaachisaa dha. Kuni waan jajjabeeffamuu qabu. Akka ulaagaatti namoonni filmaataaf manatti dhiyaatan naannoo adda addaa irraa ta’uun badaa miti. . Haa ta’u malee kan filaman sagalee ummataan ta’uu qaba. Ummanni yoo barbaade obbolaa filee irroomsuuf mirga qaba. Mirga kanatti gamnummaan akka gargaaramu gorsuu fi karaa qabachiisuun ammoo kan hooggantootaati. Kun kanaan duras walgayii hawaasa hundumaa irratti godhamaa ture. Haga ar’aatti waan argine irra dhaabbannee yoo laalle ummanni Oromoo saba gamna. Muxannoon kan agarsiisu Oromoon nama isaaf hojjatu, naannoo kana ykn san irraa dhufe jechuu qofaan hin balfu. Oromoonni filmaata tokko keessaa qooda fudhatan sagaltamnillee nannoo tokkorraa ta’anii yeroo isaan nama naannoo isaanii irraa ala ta’e filan lakkaa’amee hin dhumu.
Yeeroo ammaa kana heddumminni hawaasa keennaa kan yaadaa jirtan hawaasa dafqa ilmaan oromoo hanga tokkootiin sadrkaa kana gaye akkamitti baldhifanna; akkamitti galma baldhaa dhimma hawaasummaa (cidhaa, eebba barattootaa, guddisa ijoollee, haara galfannaa manguddootaa, aadaa guddifachuu, barnoota adda addaa itti babaldhisuu fi kkf yaada ta’e qabaachuu danddeenna jechaa akka jirtan abdii qaba. Kun yaada hedduu eebifamaa fi kan yeeroo kanatti yaadu mallesi. WHOM nama oromoo kamiinuu dhimma inni gargaaramuuf gaafate irratti tajaajiluu ykn gara tajaajilli sun itti argatutti akeekuu malee ilaalcha siyaasaa ykn amantii isaa gaafachuu hindanda'u. Oromoonni WHOM keessatti qaxaramanii tajaajilanille seeraa fi heera waldayichaa jelatti hojjatu, tajaajilas kennu. Seera sanaan alatti eenyuunuu gufachiisuu ykn mufachiisuuf mirga hinqaban. Akkuma oromoo kamittuu mirgi isaan hawasa keessatti qaban nama oromoo biraatiin walqixa. Sadarkaan oromummaa keennaa walcaaluu hindanda'u. Sadarkaan miseensummaa hawaasaa walcaaluu nimala; akkaataa qooda itti kenninu irratti hundaawee.
Yeeroo adda addaatti namoonni adda addaa akkaataa hojjattoonni tokko tokko WHOM keessatti nama keessummeessan irraa qurrama garaa garaa akka himatan nihubatama. Qurrama kamuu qabaannaan oromoon kamuu sirnaan bulchiinsatti dhiyeeffatee deebii arggachuun mirga isaati. Fuulduraaf haalli akkasii akkamitti dhabamuuu qaba jennee hundi keennaa itti yaaduu qabna. Kan hubatamuu qabu WHOM kan siyaasaa kamuu addatti utubu; kan amantii kamuu addatti leellisu; kan gandummaa ykn naannummaa kamuu addatti olkaasee isa nannoo biraa fageessu ykn dhiibu ta’uu hindanda’u, qabeenya murna kamiituu waan hintaaneef. Kan ta’uu qabu beekaa fi wallaalaa isaallee walqixatti ulfeessee walqixxummaan tajaajiluu qofa. Kanaaf hawaasni keenna bifa san akka qabaatu sirna walqixxummaa ilama namaa; sirna dimokiraasiitti akka bulu hundumti oromoo itti yaaduu qabna.
Oromoon ganama ka’ee buna yoo faateffatu, “Yaa Waaq, dogoggora irraa nu oolchi…” jedhee kadhata. Leelliftoonni Shanee woldhabbii siyaasaa kan bubbee (wind) fi lolaan (flood) yeroo fudhatee dabruuf dogoggora seenaa raawwachuu irraa of qabuu qaban. Sagalee ummataaf abboomamuu fi sirna dimokiraasiitti buluu qaban. Qondaaltonni WHOM tokko tokko seenaa cululuqaa qaban dantaa siyaasaaf jecha qisaasuu irraa of qabuun WHOM badii irraa baraaruu qaban.
Duula maraatuu (madness) kan ofii of balleessuu fi of diiguu, kan beekaa ta’ee dantaaf deemsifamaa jiru kana, dura dhaabbachuun gaafatama Oromummaati. Dhimma ulfaataa akkanaa irratti “ani gama lachiifuu hin baabsu/loogu” jechuun gaafatama jalaa hin baasu.
Tokkummaan Humna!
Mucuca Seenaa Irraa Waaqni Oromoo Nu Haa Baraaru!!
Subscribe to:
Posts (Atom)