Thursday, October 2, 2008

Walgayii Oromoota harka kenachiisuuf sosobbaa

Waamicha Walgahii miseensotaa Fi Ummata Oormoof,

Jijjiiramnni dhaaba keenya ABO keessatti ta’e Oromootaa fi miseensota ABO kutaa Kanadaa biarratti simannaa guddaa fi fudhatama gahaa argachuun isaa hujiidhaan mirkanaa’e.

Haaluma kanaan fedhii fi gaafii Ummataa fi miseensota keenyaa irratti hundaa’uudhaan ibsa haala Jijjiirama ABO haaromsuu fi humneesudhaan humnna qawween kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Uummata Oromoo mirkaneesudhaaf dhaaba keessatti ta’e ilaalchisee kutaa Kanadaa keessatti eegalame itti fuufuudhaan sagantaaleen Jila adda addaa ( Hooganota ol’aanoo irraa haga qondaalota dhaabaa ) uf keessaa qabu baha ji’a Ramadaanaa irraa kaasee wal duraa duubaan konyaalee ( magaalaalee) jaarmayaan keenya keessa jiru hundatti geeggesuuf qophiin isaa xumurameeti jira.

Haaluma Kanaan,
· Onkoloolesa 12/08 magaalaa gudittii kanaadaa Toronto keessatti walgahii jila hoogana ol’aanaa ABO ( miseensota koree Yeroo) J/Leencoo Baatii Mataa Birkii Diplomasii fi Dubbaataa ABO fi J/Ibraahim Mummee Mataa Birkii Beeksisaa fi Aadaa ( Ubaamaa Oromoo) tiin durfamu milkeesuf qophiin isaa xumuramee jira. Walgahii kana gubbaatti Dura Deemaa koree kutaa Kanaadaa J/Magarssaa Boonaa, Itti aanaa Birkii Beeksisaa fi aadaa J/Amin Jundii, Hayyuu Oromoo fi qondaala kutaa keenyaa J/Dr. Ahmad Gelchuu qooda fudhatu.Walgahiin kana gubbaatti hawaasaa fi miseensonni ABO magaalaa Otawa heduminaan hirmaachuuf deemu. Galgaluma kana hawaasnni fi miseensonni ABO magaalaa Toronto fi naannoo isii, akkasumas miseensotaa fi hawaasnni magaala Otawa halkan guutuu aadaa fi sirnna haaraawaan waliti dhufanii maree bal'aa geegesuuf saganteefamee jira. Bakki sagantaa kanaa walgahii gubbatti Uummataaf ibsama.

· Onkoloolesa 11/08 walgahiin walfakkaataan biyya kanadaa, Kutaa Albertaa, Magaalaa Brooks keessatti bakka qondaalonni ABO J/Aanaa Oromoo, J/Zakir Abbamacaa fi J/Baatii Biyyaa argamanitti geegfamuuf deema.
· Torbee itti aanu Onkoloolessa 18/08 walgahiin Jijjiirama hundee kan dhaaba keenya ABO keessatti ta’e ilaalchisee mareen bal’aan Ummata Oromoo magaalaalee Vancouver ( B/C) fi Winnipeg ( Manitobaa) keessatti ta’a.

Walgahii konyaa B/C Vancouver keessatti godhamu kan geeggessan Dura Deemaa koree kutaa Kanaadaa J/Magarsaa Boonaa, Itti aanaa Birkii Beeksisaa fi aadaa J/Amin Jundii, haayyuu Oromoo fi qondaala dhaabaa J/Dr. Ahmad Galchuu dha.

Walgahii Winnipeg/ Manitobaa irratti argamuudhaan haala jijjiirama dhaaba ABO keessatti ta’ee hawaasa Oromoo naannoo sanaaf ibsa kan kannan qondaalota dhaabaa J/Abdii Rushii fi J/Baatii Biyyaa ti.

Ummanni Oromoo naannolee kana hunda keessa qubattan ABOn dhaaba murnna kamiituu osoo hin ta’in dhaaba Ummata Oormoo akka ta’e mirkaneesuudhaaf walgahiilee naannoo keessanitti qophaa’an kanatti hirmaadhaa, qaama dhimmi ilaalu irraa dhugaa fi dhara gargar baafadhaa. Qabsoo bilisummaa Oromoo ol’aantummaa murnnaa jalaa baasuf qooda keessan gumaachaa. Abbaan qabsoo kanaa isin Ummata oromoo malee eenyu iyyuu ta’uu hin danda’u. Ammaan booda haala qabsoo bilisummaa Oromoo ilaalchisee filmaanni jiru lama qofa ta’a. “ kan ololu gara ololaa kan lolu gara lolaa “

Gadaan Gadaa Jijjiiramaa fi injifannooti !!!
Injifannoo Uummata Oromoof !!!

No comments: