Thursday, October 2, 2008

Tooftaa Dulloomaan

Harqoota Gabrummaa fi Toftaa DulloomaaOromoon xumura jaarraa 19ffaa eegalee harqoota gabrummaa Itiyopiyaa (colonial system of Ethiopia) jalati kufuun qeyee isaaf biyya isaa irrati ummata jireenya gadantummaa fi qaanii gabrummaa jaarraa 21ffaa jirachaa jiru dha. Otoo warri Itiyopiyaa biyya Oromiyaa gabrummaan hin qabatiin dura, Oromoon sirna abbaa gadaan sirna dimokiratawaa (gadaa democrat system) ummata jirachaa ture.Ormoon biyya issanii biyya abba gadaa gabrummaa (colony) abashaa jalaa olchachuuf wareegama qaalii baasaniiru, lakkofsi Oromoos walkaan issaa dhumeera, miliyoona 10 irraa gara miliyoona 5ti hir’achuu seenaan ragaa baha. Oromoon Wareegama olanaa kana yaa baasan malee biyya issanii olchachuuf hin dandeenye. Gargaarsi biyya dhiyaa(western country) Abashaafi taasisan meshaa baraan akka Oromooni lolamaniif akka injifatamaan qooda guddaa kenneera.Gabrummaas booda Oromoon harka maratee gabrofataaf hin bitamne, bakka irra bakkti fincili adda addaa tahaa turuu issaa seenaan Oromoo ni mirkannessa. Fincilooni taasisaman guutummaa Oromiyaati walqabataa fi waldhagahaa waan hin turreef dhagetii adunyaas horachuu hin dandeenye.ABO finciloota dida gabrummaa Oromoon taasise keessa dhaaba dhalateef biyya Oromoo Oromiyaa bilisomsuun daangaa fi qabeenya Oromiyaati egitii gochuuf baroota kurnaan sadii ol qabsoo bilisummaa off irrati hirkannoo taasisaa kan tureef ammas taasisaa kan jiru dha.ABO humna murtaahaan, wareegama qaqqalii kafaluun qabsoo bilisummaa Oromoo bara mootummaa cehumsaa 1991 Oromoo mara biraan gahe. Oromoon kaayyoo ABO qabsoo irrati taasisu hubannaan dhaggeeffate, xumura irrati issaan kana ijjolleen keenya jedhe ABO ni simate. Alaaba ABO isii goonni Oromoo qaqqaliin dachee Oromiyaa irrati gad issee dhaabuuf wareegame wayita argeti kana albaan Oromoo jechuun ni fudhate, irratis wareegama kaffale, kaffalaas jira.
Seenaa Oromoo keessaatis bara Motummaa cehumsaa Oromoon waraaqsa(revolution) guddaa taasise. Oromoon guutummaa Oromiyaa keessaa walarguun walitiis dhaamachuu dandahe, gallani ABOf yaa tahu. Handhuura biyya issaa finfinnee keessati waliti dhufuun seenaa fi aadaa isaa firratis diinatis argisisuun Oromoo fi Oromiyaa gammachisee halagaas afaan qabsiise. Warri Oromoo biyya abba issaa irrati karaa darbaa dhorkuun qaaniin jirachisuun gammachuu argatanis yelloon lafa illaalan.Oromoon, wayyannee fi OPDO gutummaa Oromiyaa keessati fudhatama dhorkuun, walgahii taasifamu hundaa keessati OPDOn ergamtoota wayyanee tahuu issaniif akka Oromoo bakka bu’uu hin dandeenye kallatiin itti hime.Waayyaneen, OPDOn meeshaa akka taatuuf bixxilatte, kaayyoo ABO dura dhabachuu dadhabuu isee hubbachuun, dabballoota ABO karaa nagaan sagantaa ABO saba Oromoo barsisan, Oromoon jaalalaa fi kabajaan kan simatu,bakka irraa bakkati lola irratti banuun farra nagaa taate.Wayyaneen akka siyaasni isee kisaraa keessa gales bareechiite hubate, ABO waliinis bakka gahan hundaati siyaasaan dorgumuu hin dandeenye. Oromoon dabbaloota ABO gidduu issaa buufatee deema, OPDO fi wayyaneen muka gogaa fi balbala nama irra akka midhaan caamsaan dhahee siyaasaan cooliguun taa’uu irra waan darbe milkaahuu hin dandeenye. Walumaa galati OPDOn ergaa Waayyanee baatanii deeman harkati bishofnaan, naasuu (nerves) tahuu irra darbitee Oromoo afaan faajjesuu hin dandeenye.Wayyaneenis OPDO off dura qabdee siyaasa akkakilee isee issa dullomaa gaggesuun Oromoo harqoota gabrummaa jala tursisuun akka hin dandahamne barechiite hubatte. Kanaafu, Oromoo qofaaf otto hin taane gaanfa Afrikaafu farra nagaa taataee akka saree maraattee biyyoota gaanfa Afrikaa hundaa cicininuun dhiiga dibachaa jirti.Oromoon bara 1991-1992 (bara mootummaa ceehumsaa) akkuma ABO waliin dhaabachuun biyya abbaa issaa Oromiyaa falamacuuf waada gale, WBO waliin goolee Oromiyaa hundaa keessati wareegama kaffallee, kaffalaas jira. Alaaba issaa bareduus dabarsee harka diinaati hin laanne, qabatee falmachaa jira. Ajjechaa, hiidhaa fi reebichi ABO fi Oromoo adda baasuu hin dandeenye, kanaaf ragaan wayyanee mataa iseeti.
Wayyaneen karaa ergamtuu isee OPDO, ABO fi hoggannoota QBO maqaa dhahuun waan iseen hin jenneefi hin kijjibnes hin turre, waan dandahan hundaa yaalaniiru itti milkaahuu hin dandeenye, ammas hin milkaahan.Oromoon diina nyaate nurra galuu dide, bifaan(race) kan walfakkannu, gochaan kan Aprtheid south Africa irra adda bahee ilaalamu hin dandeenye gurraacha gabroofataan gidiraa gabrummaan waxalamaa jira. Mootummaan abashaa Oromoo akka garbaati qeyee issaa irrati mirga uumamaan waaqayyo kenneefi irraa mulquun bitee jiraachuun akka waaqayyo keneefiti fudhata; dhugaan jiru garuu waaqayo nama hundaa walqixa uumee; Oromiyaan kan Oromooti; biyyi abashaa kan warra Topiyaati. Kan issanii issaaniifi taya kan keenya nuuf taya.Qubee keenyas issaan kan shexxanaa yoo jedhanis nuuf tayeera, abbaaf taanaan Ormi itti rakkachuu hin qabu.Feedhii issaanii boodeeti hafaa fi abaaramaa kana irraa kan ka’e qabsoo sabaa akka qoreeti ilaalu, waldorgomii siyasaa fi rakkoo karaa nagaa hiikuu aadaa issaa hin qaban ni sodaatu. Bara dargii, dargiin maqaa ABO jedhu kana maqaa dhahuu ni sodaata, Kolonneeris akkuma sodateeti akkuma lagateeti ittinu biyyaa bahe.Warri wayyanees ABO yoo maqaa dhahuu illee akka dargii hin laganne, bade, hin jiru jechuu yaalaniiru. Jirachuu ABO haaluun salpina itti taanaan, kana ABOti dhoose, diige, uummata nagaa ajjeese jedhanii sobaan yakkus yaalan. Kun hunduu waan hojjechuu dideef, QBO yoo dandahan diiguuf yoo dadhaban qancarsuuf toftaaa adda addati dhimma bahuun akka nurrati hojjetaa jiran Oromoon hubannee, qabsoo saba keenyaa irrati diigga diinni hojjetaa jirtu harkati dhahuun dirqama Oromumaati.Akkuma seenaan Oromoo hubachisuuti Minilik Oromiyaa cabsee qabachuuf kan issa milkeese, kan akkakileen isaa itti hin milkoofne, Oromoo keessaa gantuu argachuu issati. Hiddi dhaloota abashaa humnaan Oromiyaa har’a qabatee jiru kunis tooftaa dulloomaa wal-fakkatun Oromoo irrati hojjetaa jira.Murni yeroo amma mooraa qabsoo keessaa bahe wayyanee dhiisee ABO fi hogganoota irrati xiyyeffachuun olola diinaa offaa jiru kun farra qabsoo bilisummaa Oromoo tahuu issaa raggasiise.
Gootowan Oromoo, heeraa fi seera ABO jalati ijjaramanii, ittinis bulanii, bilisummaa saba issaaniif wareegama qabsoon gaafatu kaffalaa qabsoo Oromoo itti fufan. sirna dhabileen yeroo ammaa hawwaasa Oromoo keessati afaan faajjii uumuuf xaawwaraa jirtu kun qabsooti waadaa galtee otto lama hin buliin tuf jette bahuun waanuma wayyaneen jechaa jirtu issanis maqaa Oromummaan nuti himaa qabsoo sabaa Oromoo ABOn dursamu yoo dandahan diiguuf yoo dadhaban qancarsuuf toftaa diinaa dullooma baatanii wixxifataa jiru.Shaneen kana balleese, ebeluun kana taasise, bilisummaan fagaate, . . . jijjirama!!! Jijjirama!!! Jijjirama!!! . . . . jechuun akkuma Barack Obama lapee Amerikaa maqaa jijjiramaan hate, kunis OPDO mataa irra keewattee lappee Oromoo hatuu kajeelti.Garuu dhugaan jiru Barack Obama Poolisii Amerikaa keessati waan jijjiramuu qaba jedhe amanu lafa kahuun ummata Amerikaa, na filaa kana jijjira jedhe malee heeraa fi seera party issaa ykn biyya issaa cabsuun jijjirama hin jenne.Namni Heeraa fi seera dhaaba isaa ykn biyya isaa cabsee bahu tokko ofiifu sirna hin qabu seera cabsee deema jira, Oromoo qabsoo bilisummaa irra jiru miti biyya bilisummaa qabduufu jijjirama akkamiti fiduu dandahaa? deebii issaa warra dubbiftaniif dhiisa.Murni kun jecha jijjiramaa jedhu qofa nu himuun sadoo mataa iseef micirama hudhaa gaburummaa waayyannee nutti jabesuuf mataa raasaa jirti malee; bilisummaa miti otto dhimmi Oromummaa lappee keessa jiraate waan qabsoo saba isee, tokkummaa saba issee xuqxu tokko irraa off qusachuun taatiif turte.Sirna dhabileen (jalloon) Oromoo tokkummaa fi humna dhorkuuf waan hin mocoreefi hin sarares hin qabdu. otoo itti milkofteeti tahe qabsoo Oromoo hoggana malee hambistee wayyaneeti kaayyoo gottawwaan irrati waregaman dabarsitee kenuun Oromoo qaaniif taasiftee ture.Toftaa dulloomaa mootummaan Mallasaa sab-bicuu Tigiray keesaa dhalate, yeroo irraa yerooti qabsoo Oromoo irrati bobbasuun, umurii bittaa isee dheerefachuuf carraqaa jirtu Oromoon! dammaqinaan hubatee amantiin, gandaan oto wal hin qoodiin, garaagarummaa xixiqqaa jireenya ilmaan namaa keessati calaqisaniif illaalcha hin kenniin, tokkummaan dhaabbannee qabsoo saba Oromoo ABOn dursamuf deegarsa qabsoon gaafatu yaa taasifnu.
Injifatnoon Ummata Oromoof !

No comments: