Friday, May 8, 2009

Yakkamaan Yakka warri biraa raawwate irraa wacuuf hamilee hin qabaatu !


Waanan sagalee VOA sagantaa qophii afaan amaaraa irraa dhaggeeffadhe tokko tu waan gabaabduu kana jechuuf nakakaase. Ilmaan habashaa yakka faashistummaa Mossoloniin irrati raawwateef bataksaanni Vaatikaan harkka keessaa qabdi waan ta'eef Uumata keenya dhiifama gaafachuu qabdi jechaa jiru. Koree dhimma kana hordoftee raawwachiiftus dhaabanii ykn hundeesanii socho'aa akka jiran hibsan.

Issaan yakka faashistummaa waggaa jaatamman kanaan dura sirni bulchiisa Mootummaa Mossooloonii irrati raawwateef bataksaanni Vaatiikaan harkka keessaa qabdii dhiifama gaafachuu fi gumaa baasuu qabdi jedhanii dhaabbata mootummoota Addunyaa waliigalanii / UN / ti iyyachuuf socho'aa jiru.

Dhugaadha weerara Mossoolooniin biyya ET irrati raawwateen miidhaan gumaa fi dhiifama gaafachiisu hin raawwatamne jechuun hin danda'amu. Habashoonni kun yakka faashistummaa waggoota shaniif mootummaa Itaalii yaroo sanaatiin ET irrati raawwateen Lubuu namaa miliyoona tokko ga'uu, Bataksaanota dhibba lamaa olii fi loowwan adda addaa milioona kudha afur akkasumas qeesota Ortodoksii amma tokkotu barbadaayee jedhu.

Daljjeetiin boodaa luqa'iinsa Daljeetii duraati quba qabdi jedha makmaakisi. Kan warra kanaa garuu gargachoo kanduraa kan boodaati quba qabuu dha fakkaata. Waggaa dhibbaan ykn Jaarraa tokkoon fuuldura habashoonni sirna koloneeffataa mootumaa minilikiin OROMIYAA weeraran yakka duguuginsa sanyii ilmaan OROMO irrati gara jabeenyaan raawwataniin lubbuun darbe, qabeenyaan barbadaaye, Galma Abbaa gadaa fi Qaalluu diiggamee fi hilma namaa akka saawwanii gabaa dhaabbatee gurgurmeef itti gaafatama gumaa issaanirra jiruuf otoo gumaa hin kanfalinii fi dhiifama hin gaafatiin waan nurrati raawwatame jedhan kanaaf wacuuf qaanii dhabuun issaanii warratiin kun ammam ofittoo fi wacwacoo ijja cim'aatiin nama hilaaluu hi qaaneffanne akka ta'an hubachiisa.

Har'a issaan yoo yaakka mootummaan faashishitii Ixxaaliyaa Mossoolooniin ogganame raawwateef Bataksaanni vaatikaan deegaruun ishee yakka ta'uu yoo beekan, bataksaanni saanii yakka faashishitummaa Mootummaan issaanii Minilikiin ogganame raawwatee fi deeggarsa kenuun ishee dhiga dhangala'eef ililchuun ishee sirna mootummaa sanaa wajjin lafaa fi qabeenya warra weeraramee saamtee hirmachuun ishee, Galma abbaa Gadaa fi qaalluu diigdee bataksaana irrati ijjaarrachuun ishee fi Humnaan amantii fi maqaa namaa jijjiiruun ishee badhaasa ta'uuf jira jechaa dhaa ?

Yoo Bataksaanni Vaatikaan yakka mootummaan Mossoloonii bara shan keessati raawwateef, lubbuu namaa miliyoona tokko galaafatee fi qeesota habashaa kana keessati gaaga'amaniif gumaa baasuu fi dhiifama gaaffachuuf dirqamti taate bataksaanni Ortodoksii saanii Jaarraa tokkoo oliif diroo itti wal dabarsee lubbuu miliyoonota baay'ee,galaafate, qabeenyaa amanaan issaa hin beekkamne barbadaayeef, galma abbaa gadaa fi qaalluu diiggamee fi lubbuu Qaalluu fi Abbaa gadaa weerara kanaan gaaga'ameef fi amantii Waaqeffannaa amma dhabamuu ti qaqabeef qooda guddaa sirna mootummaa faashishitii saanii tiin qixxee ta'e igirii qooda mootumaa caala qabu xabatteef eebifamuu qabdi jedhanii yaaduu laata ? Otoo bakki dhugaan itti ilaalamtu jiraatee silaa yaakka mootummaa Mossooloonii tiin umurii waggaa shanii keessati raawwatamee fi kan mootummoota faashishitii habashaatiin waggota dhiibbaatamman darban kana keessati OROMOO fi uummatoota cunqurfamoo biraa irrati raawwatamee fi raawwatamaa jiru walliin maadaaluun mataan issaa cubbuu ta'uu mala ture.

Yakki mootummaan Mossooloonnii fi bataksaanni Vaatikaan raawwatan yaroo yakki wal fakkaataan Adunyaa guutuu irrati raawwachaa ture yoo ta'u kan dhabbates yaroo dhuma gochaan suukanneessaan kun Adunyaa mara irraa dhaabbateti. Ammas yoo maddate mootummaan mossooloonii waggaa shanan sana keessati karaa gurgurdaa fi riqqicha adda addaa walumaa galatti missooma biiyyattiin sun huumaa ishee keessati hargitee hin beekne mul'isee ture.

Kana malees koloniin sun sirna kolonii qaroon doofaa ittiin koloneesse ture. Sirni kolonii habshaa garuu garagalchoo kan doofaan qaroo ittiin koloneese yoo ta'u sirna misooma jiru diigee barbaddeese malee sirna missooma wayiituu huume miti. Kan hunda caalaa ajjaa'iba ta'u dhalataan Uummata Xaaliyaanii har'a jiru sirni dhala namaa koloneesu yakkamaa tu'uu ti amana. Waan mootummaan Mossooloonii raawwates yoo xinnaate hiffati duula misoomaa fi badhaadhina dhala namaa tiif godhameeti jedhee ittiin hin dhaadatu. Biyya namaa dhaqee koloneessuun hafnaan warra hacuucameefuu dawoof dayata tahuun beekkama.

Dhalli habashaa har'aa garuu har'alleen yakkuma kaleessa abbootiin saanii raawwachaa turan ammayyeessanii raawwachaa jiru. Yakka abbootiin issaanii uummata OROMOO fi kanneen biraa irrati gara jabbeenyaa fi doofummaa dhaan raawwatan akka waan qaroominaa fi misoomaaf jecha raawwatamee gochaa eebbifamaa fi gootummaa godhanii ittiin dhaadachaa jiru. Ilaalchi doofummaa akkanaa kan calaqqissaa jiru qotee bulaa habashaarra warra baranne jedhan Doktoraa fi proofeesara saaniirraayyi. kanaaf fakkeenya baay'ee himuun danda'amu keessaa, kanuma bara dhiyoo raawwatame tokko barruu kana keessati xuquun gaarii nati fakaata. Kun kan ta'e erga mootummaan dargii kufee waayyaanee masaraa minilik to'atteeyyi. Yaroo amaarri MA'HAAD ykn yamallaawu Amaaraa hizb dirijjit hunddeesuuf socho'aa ture.

Magaalaa finfinnee olaanaa sagal galma ganda kodhatokkoo keessati dhaaba kana hundeesuuf waltajjii Proofeesar Masfin W/ Maariyaam, Proofeesar Asraat Waldayas, Doktor MOkonon Bishaawu fi kanneen biraa ogganan irrati kan hangoo harkaa fudhatee jiru ilmaan tigree taatulleen doofaa gaabii dachaafate qacanee irraa walti waamanii gaallaa gadyi ! akka fokorsiisaa turan nama qaamaan walgahii sana irrati argamee ijja issaatiin hargee gurra isstiin dhaga'etu natti hime. kaayyoon barreefama gabaabduu kanaa nuti OROMOON gumaa nama keenyaa tiif ilmaan habashaa waan doofummaa issaan raawwatan fakkaatuun dhiiga dhangalaafnee baasuun barbaachisaa ta'uu baatulleen, Kaasaa fi kiisii qaabeenyaa kanfalchiisuuf hiyyeeyyii nuu gaditi hooqachaa jiran ta'anilleen, Baddi doofonni abbootii saanii abootii keenya qaroo dhabamsiisuun raawwataniif, Qooda bataksaanii fi dabtaroonni saanii badii raawwatame kana keessaa qabduuf hifati dhiifama gaafachuu dhaan akkasumas biyya abbaa keenyaa keessaa buqqa'anii abbaa biyyummaa keenya amanuudhaan gumaa nama keenyaa akka baasan dirqisiisuu irrati ojjachuuf ajjandaa saaqame bakkaan ga'uuf dirqama nurraa eegamu garee fi nam tokkee dhaan raawwachuuf socho'uu akka qabnu yaadachiisuufi. Akka ijji gamnaa dura boochi jedhan warri yakka adunyaa kana keessati aggattaa hin qabne dhala OROMOO irratti raawwtee fi raawwachaa jiru waan salphaa yakka inni warra kaanirrati raawwteen wal hin ginneef adunyaa fuuldurati gumaa fi dhiifama abbalaa jiru akka waan omtuu hin raawwatamneeti hilaaluun seenaa keessati gaafatama jalaa nu hinbaraaru. Dirree yakkamtoonni kun yakka warri kaan raawwteef gumaa nyaachuu fi dhiifama gaafatamuuf keessati wacaa jiran gufuu fi gufaata malee akka itti milkaa'an gadi dhiisuufiin dhiiga issaan nurraa dhangalaasaniif quuqma dhabuudha ta'a. Yakkamaan yakka ofii raawwateef otoo gumaa hinbaasiin, dhiifama hin gaafatiin kan narrati raawwatame jedhuuf wacuuf mirgaa fi hamlee itti qabaachuu akka hindandeenye karaa nuuf danda'ame hundaanuu itti agarsiisuun dirqama dhalootaa hunda keenya irraa eeggamu ta'a. Kan gumaa lammii issaaf hinfalmine hirmii nyaachaa jiraata. Akkuma irmii nyaateti du'as.

Kanaaf yakkamaan akka yakka warri kaan raawwte irraa wacuu fi falmuu dura akka yaakka ofii raawwatee fi raawwachaa jiru irraa dhiqachuu akka qabu karaa nuuf mijateen itti haa himnu. Gumaan nama keenyaa kutannoo dhaloota har'aa tiin baati ! Nagaa haa taanu

No comments: