Sunday, December 14, 2008

"Jijjiirama " Sadarkaa kabajaa irraa gara salphinaa

Murni jijjiiramaa Hagayya 03, 2008 Minneapolisitti ifatti of labsan. Amajji 03 2009 baatii jahaffaa isaanii lakkaawwatu. Erga uumamanii mee waan isaan duddubatanii fi waadaas galan hanga tokko haa ilaallu.

1) WBO'n 98% nu Harka Jira

Kana kan dubbate "dura-deemaa" murna kanaa kan ta'e Kamaal galchuu ti. Akkan sobduu hin jedhamneef lakkoofsi kun 98%, 95%, 90% haa ta'uu sirriitti hin yaadadhu. Garuu sagaltamoota keessa akka ta'e nan yaadadha (ani radio Garmaniirraan dhaga'e). Kanas ta'e sanas waraanni ABO (Shanee Gumii) biratti hafe hin jiru, akka jecha kanaatti. Kanaafuu, kana booda WBOn waraana Wayyaanee gobee wacabbarsiisuu baannaan (dadhabnaan) "Shaneen Gumii ABO" itti hin gaafatamu. Sababni isaa WBOn 99% harka murna jijjiiramaa jira waan ta'eef.

2) Hogganni "aangoorraa buufame" (Shaneen) Dadhabaa Dha

Kana hunda isaaniituu guyyuu labsaa as ga'e. Jabinnii fi dadabinni hojii dhaan mul'ata. Hojii yammuu jennu ammoo magaalota Oromiyaa-rra naanna'anii maallaqa funaanuu dhuwwaa utuu hin ta'iin Oromiyaa keessatti caasaa waraanaa, ijaarsa dhaabaa (cells), caasaa tikaa, fi kkf, biyya alaatti ammoo gama diploomaasiitiin biyyoota adda addaa quunnamuun QBOf fira, mararfannoo fi deggersa horuu, ummata keenya hidhamaa, dararamaa fi ajjeefamaa jiru, akkasumas beelaa fi dhukkubaan affeelamaa jiru jala bu'anii addunyaatti beeksisuu fi dalagaa farruummaa mootummaan goolessituu Wayyaanee ummata keenyarraan gahaa jirtu saaxiluu gaafata. Dandeettiin hawwii duwwaadhaan mirqaananii lallabuudhaan hin dhufu. Kanumaafuu, erga shaneen dadhbaa waan ta'eef aangoo irraa fuune jedhanii, ofii isaanii bifa hundaan jabaatanii argamuuf waadaa seenan hojiitti muli'suu tu irraa eegama.

3) "Baatii Jaha Nuuf Kennaa"

Kana namoonni hedduun dubbachuun ni mala. Ani garuu Leencoo Baatii akka dubbaten dhaga'e. "Hin bari'u seetee manatti hobbaate" jedha Oromoon yammuu makmaaku. Baatiin sadii Amajji 03, 2009 dhuma. Kanaafuu, Amajjii 3 booda qabsoon bilisummaa Oromoo "jijjiirama" ifaa, mul'ataa fi injifannoolee cululuqoo galmeessuu hanqaannaan waa lama keessa tokko tu dhugaa dha. a) Murni jijjiiramaa Shaneen "dadhabaa" dha jedhee haa lallabu malee ofiifuu dadhabaa dha. b) "WBOn nu harka jira" jechi jedhu sun kijiba. Kana jechuunis murni jijjiiramaa kun MURNA SOBDUU dha. Kana lamaan keessaa ala ta'uu hin danda'u. Kunis kaardiin murni kun ittiin xabataa turte jalaa dhumatuu fi dargaggoo hedduu QBO irratti muuxannoo, dammaqiinsaa fi beekumsa gahaa hin qabne abjuu hin jirreen macheessanii of jala hiriirsuun dhumatuu nutti muli'sa.

"Nama taa'ee laaluuf daakuun atara dimbilaala" jedhanii maakmaaku naannawa ani dhaladhetti. "Dimbilaalli" midhaan/dhangaa harkaan daakuun salphaa ta'e dha. Humna hedduu utuu hin gaafatiin masas-masas jettee daakamti. Atarrii fi baaqilaan garuu akka malee jabaata. Bakka tokko tokkotti dubartoota utuu hin taanee dargaggeessa humna qabutu daaka. Nama taa'ee laaluuf garuu daakuun ataraa sun akkuma kan dimbilaala sanaa masas-masas jettee daakamti. Jabina isaa kan agartu yammuu harka keetiin daaktu qofaa dha (duwwaa dha).

4) "Tokkummaa Oromo Deebifnee Ijaarra!"

Gidduu kana ammoo murni kun waa'ee tokkummaa Oromoo yammuu lallaban dhageenya. Kun hedduu nama kofalchiisa. Kunis oduu baacoo (joke) fakkaatu gidduu kana mediatti dubbatamaa jiruun wal fakkaata. Sunis "Mootummaan Itoophiyaa Guyyaa Mirga Dhala Nama Addunyaa (International Human Rights Day)" sirna ho'aan kabajee ooluu isaa ti. Waayyaanee tu falmituu "mirga dhala namaa" ta'uu isaa ti ilaalaa!

Murni kun erga dhaaba keessaa sirna-dhablummaan foxxoqee baa'ee asitti dalagaa tokkummaa Oromoo diiguu kan seenaan dhiifama hin gooneef dalageera.
Dhaaba keessatti dhaaba (gosa-tokko qofaarraa walitti qabame) ijaarratanii yeroo dheeraadhaaf socho'uudhaan qabsaa'ota gidduutti wal shakkii uumaniiru. Sarara Paltalk isaanii irratti Ilmaan Jootee, Ilmaan faaxee, kutaan kun Amaaraa, kutaan kun diqaalaa dha kkf jedhanii lallabuun qabsaa'ota addaan facaasuu, Kkf hedduu tarriisuun ni dandahama. Kanaafuu hamilee ittiin waa'ee tokkummaa Oromoo ittiin lallaban hin qaban.

Mee bara haaraa kana keessa itti baha murna kanaa Waaqayyo nuu haa agarsiisu. Dullumaaf hin dhabnu yoo du'aaf dhabne malee.

Nu Warri "ABOn Hindiigamtu" Jennee Dhaaba Keenyatti Cichine, Maal Gochuu Qabna?

1) Hojjechuu, hojjechuu, hojjechuu. Qaawwa arganne hundaan qabsoo finiinsuu,
2) Humna keenya, maallaqa keenya, beekumsa keenya wareeguun dhaaba keenya tinnisuu, WBO gargaaruu,
3) Yoo baay'ee barbaachisaa ta'e malee murna jijjiiramaa dhiifnee/irraanfannee, Wayyaanee duwwaa irratti xiyyeeffachuu,
4) Hoogganoota keenya kabajuu, yoo qeeqni barbaachise caasaa eeggannee utuu qilleensa hin seensisiin qeequu,
5) Dafanii abdii kutachuu ykn injifannoo xiqqoo argameen akka malee mirqaanuu dhiisanii haala tasgabbaa'een (stable) cichanii qabsootti fufuu, fi kkf.

IUOf!

1 comment:

Oromo said...

Jijjirmani kijibaa hin jiraatu,odeesanii dhabaman.